(Madda Oduu ABO/MOA/ Melbourne, Fulbaana 2, 2013) Konyaan ABO Victoria gooticha Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti ajjeefame, Injinar Tasfaahuun Camadaa, ilaalchisuun sagantaa yaadannoo mata duree “Oromiyaaf Haa Dubbannu” jedhu jalatti qopheesse; hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne waliin marii gaggeeffate.
Sagantaa yaadannoo fi marii hawaasaa Fulbaana 1, 2013 waaree booda Galma Scientology magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffame irratti gooticha Oromoo mana hidhaa wayyaanee keessatti ajjeefame, Inj.Tasfahuun Camadaa dabalatee, ilmaan Oromoo haala, yeroo fi bakkoota adda addaatti wareegaman yaadachiisuun ture.
Yaadannoo gaggeeffametti aansuun Ob. Bantii Oliiqaa Dura Taa’aan konyaa ABO kan VIC hirmaattota marichaa waamicha yeroo gabaabaa kana keessatti taasifame kabajanii miidhaan ummata keessanii isin quuqee asitti argamuu keessaniif hedduu galatoomaa erga jedhanii booda akeekni marichaa ibsaniiru.
“Kanuma waliin miidhaa, dararaa fi roorroo ummata keenya biyya keessaa fi kanneen baqatanii biyyoota ollaatti bahan irra gahaa jiru attamiin akka falmachuu qabnu, nuti warri biyya nagaa fi bilisa keessa jirru maal gochuu dandeenya? Attamii fi yoom?? kan jedhu irratti marii gaggeeffannee sagnataa hojii fuula duraa waliin akeekkachuuf,” jedhaniiru.
“Gumaa gootota keenyaa kan baafnu, abdii fi hawwii wareegamtootaa fi hidhamtoota keenyaa kudhaammannee harka wal qabannee tokko ta’uun sirna wayyaanee cabsinee bilisummaa keenya yoo dhugoomse qofa,” kan jette Ad Laliseen, “sabni keenya maal gochuu akka qabuu fi danda’u waliin maryatee umurii sirna garboomsaa waan gabaabsu irratti bobba’uu qaba,” jechuun dhaamtee jirti.
“Biyyuma Sudaan keessatti ji’a afuriif erga nu hidhanii booda harka, miilla fi ija keenya nu hidhanii karaa Matammaa Mootummaa Itoophiyaatti nu darbatame ; sana boodan Tasfaahun Camadaa fa’aa Maa’ikalaawiitti arge,” kan jedhe Ob Fayisal, “dararaan mana hidhaatti ilmaan Oromoo irra gahu yaadachuunuu mata isaatiinuu waan nama dhukkubsuuf jechaan ibsuun natti ulfaata,,” jedhee jira.
“Warri har’a shororkeessitoota jedhanii hidhanii nu dararaa jiran kaleessa “Wanbadee” jedhamanii waamamaa akka turan haa yaadannu, Barri ni dabartii, Haqaa fi mirga keenya falmachuu irratti haa Jabaannu!” akka jedhe kan hime Ob Fayisal, gumaa gootowwan keenyaa baasuuf dhaamsa nuuf dhaamanii darban qalbeeffannee Wayyaanee qawween malee aangoo gadhiisuuf hin jirreef garaa laafuu dhiifnee tokkummaan dhaaba qabnu ABO fi WBO haa jabeeffannu jechuun dhaamaniiru.
Ibsootaa fi odeeffannooleen OSGAn mootummoota Addunyaa fi “NGO” mootummaa Itophiyaa irratti dhiibbaa gochuu danda’an maraaf dabarsaa turee jiru hedduu ta’an illee har’a hunda kan caalu ragaa ijaa Addee Lalisee fi ob. Fayisal nuuf ibsan arganneerra. Miidhaa fi dararaa, roorroo fi Cunqursaa Ummata Oromoo irra gahaa turee fi jiru ibsuuf ragaan kana caala barbaadamu hin jiru.
Cunqursaa, gabrumma, dararaa fi rorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru, hunduu miidhaadha. Akka sabaatti yoo ilaallu kan hunda caala nu dhukkubsu alagaan qee keenya irratti nutty roorrisuudha. Roorro kana hambisuuf Sabummaa keenya haa jabeeffannu, Oromummaa keenya ijaaruu irratti haa jabaannu! jechuun dhaamaniiru.
Ibsa isaanii kana keessatti diddaa Ummatni Oromoo Habashoota irratti bara Minilikii kaasee agarsiisaa ture; Diddaa gaggeeffamaa turee fi jiru kana keessatti wareegamni gootowwanii fi hayyoota Oromoo hedduu akka ta’e yaadachiisan. Ficiloota Ummanno Oromoo bifa fi haala adda addaatiin gaggeessaa ture qindeessee Jaarmayaa Siyaasaa ititaatti kan jijjiire ABO, guyyaa hundeeffame irraa kaasee qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi kan dipilomaasii qindeessee wareegama gurgurdaan injifannoolee cuccululuqoof duubatti deebi’uu hin dandeenye galmeesseera.
Akkuma fakkeenyaatti Wagguma tokkicha kana keessatti ABOtti hidhata qabdu sababa jedhu itti moggaafamee barattoonni Oromoo hidhaman kan galmeen dhaabaa beeku 497, Barsiiftonni 362, Qonnaan Bultoonni, hojjsttoonni, kanneen jiruu dhuunfaan jiraatan 1,757 akka ta’an ibsuun, lakkoofsi kun kan caasaan dhaabaa quba qabaatee gabaasee fi dhaabni ibsa itti baase qofa akka ta’e, baadiyyaalee Oromiyaa keessatti ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa Ummata oromoo irra gahu ammoo lakkoofne akka bira gahuu hin dandeenye, kanneen hojii irraa har’aman, baruumsa irraa ari’amanis baayyina isaanii irraa as irratti akka hi ibsamne addeessan.
Isilaamoonni Oromoo Asaasaa irratti, Kofalee irratti Wallo irratti, Anfilloo irratti hiriira bahu jedhamee waan yaadame qofaaf maaliif rasaasaan simataman? Yakki Ummata Oromoo Aniyyaa irra gahe, kan Karrayyuu irra gahe, kan Boorana irra gahe lakkofnee kan keessaa baanu hin ta’u.
Hirmaattota irraas yaadonni bilchaataa fi ijaaraan dhiyaatan ABO dhugumatti qabsootti akka jiru nu caala diinni raga bahaa jira. Qabsicha keessaa ala of baafnee ususuu dhiifnee ABO jabeessuu qabna. Hojiileen akka hawaasaatti hojjannu amma Jaarmayaa siyaasaa jabaa hin qabaannetti bilisummaan hawwinuun nu hin gahu.
Kanaaf dhaaba qabnu ABO, Waraana guddaa qabnu WBO jabeessuuf haa murteeffannu;
Sagalee Ummata keenyaa haa dhageessifnu, sagalee Ummataa fi qabsoo keenyaa ol kaasuuf hawaasa Oromoo addunyaa guutuu keessa faffacaanee jiraannu qindoomina akka qabaannuuf akka irratti hojjatamu;
Kana booda laafina keenya irratti dhiifnee jabina keenya irratti akka xiyyeeffannu! Fi kkf dhimmoota jajjaboo QBO humneessan dhiyeessuun qaamota dhimmi ilaalutti akeekuun haamlee fi fuula xiiqii gumaa gootowwan keenyaa baasuuf gahee koo nan bahadha jedhu agarsiisuun milkiin goolabameera.
Categories: Oromia Tag
Posted by admin - 02/09/2013 at 10:13 am