Marsimoonaa| Hagayya 31, 2013
Silaa numan seeqaa garaat na dadhabee
Akka fedha kiyyaan hundumaahuu dhabe
Dhiitee naaf bariitu guyyuu hiraarumaa
Kalees booyaan turee har’as akkasuma
Walirraa hin cittuu guyyuu haarawuma
Ilkaan addeessuun silaa bar gaarumaa
Akkam taheen kofla sa duuba yaa jamaa?
Ida’amuu malee gaddi addan cituu
Garaatu na madaa ijji tiyya jiituu
Laalaan duraanii hoggaa haarayoomtu
Imimmaan harca’ee qalbiin hin sabattuu.

Dukkana cillimii ijas hagooganii
Ifa addunyaa hundumaa dhoorkanii
Afaanfaajjeessuun halawwachiisanii
Abdii dukkanooyte godhanii galchani
Erga bakkaan gahan fira afeerani
Ana qofaa mitii namuutu laalatee
Garuu maal godhuu, usee ciniinnatee
Dhimma kanaaf ja’ee garayyuu iyyatee
Kan dhimmamu dhabne afaan qofa taatee.
Gonkumaa naan tahu kofla basaq godhuu
Irra keessan kofla hangan yeroo argadhuu
Dhimmi koo qofaamii akkasiin hubadhu
Tan bir hin eeginii ka’ii tattaafadhu!